Join Us Now

Engaging European Football Coverage

Welcome to Obsa Entertainment

At Obsa Entertainment, we are passionate about delivering the latest and most comprehensive coverage of European football. With a focus on the top leagues from England, Italy, and Spain, we keep fans informed and engaged with news, match highlights, and expert analysis.

Join Us Now
Learn More
waa’ee Forex Trading (Foreign Exchange Trading) kana beektuu? Daldalli Forex Trading maali?

Waa’ee Forex Trading (Foreign Exchange Trading) yoo hubatte, daldala addunyaan itti fayyadamtu kan dinagdee fi mindaa guddaa fidu yommuu ta'u, garuu yoo hubannaa isaa hin qabaanne balaa (risk) olaanaa qaba. Kanaaf bal’inaan akka sirriitti hubannuuf gara sadarkaa sadiitti qoodne haa ilaallu:

1.Maalummaa Forex Trad

Forex (Foreign Exchange) jechuun gabaa waljijjiirraa maallaqaa addunyaa dha.
Namoonni fi dhaabbanni gabaa kana irratti:
Maallaqa tokko bituu fi Maallaqa biraa gurguruun, gatii waljijjiirraa (exchange rate) irraa faayidaa argatu.
Fakkeenya salphaa:
Mee yoo USD 1 = 57 ETB taʼe, ati yoo USD 1000 bitte, 57,000 ETB ittiin kafalta.
Erga torban tokko booda yoo doolaariin dabalee USD 1 = 60 ETB taʼe, ati yoo doolaara san gurgurtee deebifte, 60,000 ETB argatta.
→ Faayidaa: 3,000 ETB.
Garuu yoo doolaariin gadi bu’e, akkasumatti dhabuunis ni jira.
Kana jechuun, Forex irratti mindaan kee haala gatii waljijjiirraa irratti hunda’a.

2.Akkamitti dalagama?

Market Pair (Currency Pair) jedhamu irratti dalagta
Fakkeenyaf:
EUR/USD → Euro fi Dollar
GBP/USD → Pound fi Dollar
USD/JPY → Dollar fi Yen
Ati tokko bitta, tokko gurgurta, akka gatii jijjiirametti bu'aa argatta yookaanis dhabda.
(b) Leverage fi Margin
Leverage jechuun “hir’ina maallaqa ofii keetiin, amma xinnaate ofii fi maallaqa bankii ykn brokeriin siif kenname waliin daldaluu” dha.
Fakkeenyaaf:
Leverage 1:100 yoo ta’e, maallaqa ETB 1,000 ofii qabda taanaan, ETB 100,000 akka ittiin daldaltu si dandeessisa.
→ Kuni galii/bu'aa guddaa fiduu danda’a, garuu yoo dhaban immoo dhaba hamaa fida.
(c) Platform fi Broker
Daldaltoonni Forex hedduun tajaajiltoota broker jedhaman fayyadamu:
MetaTrader 4/5 (MT4, MT5)
cTrader
WebTrader
MetaQuotes
Brokeriin siif michuu gabaa ta’a: isaan bittaa fi gurgurtaa siif raawwatu, komishinii irraa fudhatu.

3.Balaa fi Of-eeggannoo

Forex bakka bu'aa guddaa irraa argattu ta’uu danda’a garuu akkasuma, balaa olaanaas qaba yoo hubannaa isaa hin qabaanne.
(a) Volatility (Jijjiirama gatii saffisaa)
Gatiin waljijjiirraa yeroo muraasa keessatti ni jijjiirama. Kanaaf daldaltoonni balaa guddaa arguu danda’u.
(b) Leverage dhaan dhaba guddaa
Yoo daldaltoonni leverage guddaa fayyadaman, dhaba xiqqaa irraa hir’ina guddaa argachuu danda’u — yeroo tokko maallaqa guutuu dhabu.
(c) Forex Scam (Sobduu)
Namoota “ani 100% win rate qaba” jedhu hin amaniin.
“Group Telegram” ykn “signal free” jedhu hunda caala of eeggadhu.
Forex dhugaa irratti argamuun broker seeraan galmaa’e irraa qofa ta’a (akkuma XM, IC Markets, Exness, Pepperstone, OANDA, fxpro, iwm).

4.Namoota Forex irratti hirmaatan
Banks:

waljijjiirraa mootummaa fi maallaqaa addunyaa.
Corporations: yoo biyya biraa keessatti hojjetan.
Investors fi speculators: mindaa irraa barbaadan.
Individuals: akka ati fi anii, platform irratti bitanii gurguran.

5.Barnoota Forex irratti argachuu danda’an

Yoo daldala kana sirnaan baruu barbaadde: Damiina E-Learning qunnamuu dandeessa. Lakkii. Bilbilaa 0969707070.

6.Seera fi Haala Itoophiyaa keessatti

Itoophiyaa keessatti Forex trading to’annaa cimaa jala jira.
National Bank of Ethiopia (NBE) qofa seeraan waljijjiirraa doolaraa fi birrii raawwachiisuu danda’a.
Kanaaf, Forex trading addunyaarratti dalagamu “online speculative trading” ta’ee, seeraan guutuu hin eeyyamamne.
→ Garuu namoonni hedduun akka “demo” barnootaaf itti fayyadamu

Tartiiba Barnootaa Forex Trading (Step-by-Step Roadmap)

1.Qabiyyee Jalqabaa – Hubannoo Daldala Forex

Kaayyoo:
Maalummaa Forex hubachuu
Maallaqa waljijjiiru akkamitti akka ta’u beekuu
Daldaltoota (traders) eenyu akka ta’an baru
Barbaachisummaa:
Forex = Foreign Exchange Market
Gatiin maallaqaa tokko fi tokkoo gatiin walitti madaalamuun ni jijjiirama.
Bu'aan kee gatii jijjiiramuu irraa maddu.

II. Currency Pairs fi Chart Dubbisuu

Currency Pair jechuun maal akka ta’e baru
Chart akkamitti dubbisuu akka danda’u hubachuu
Currency Pair = EUR/USD, GBP/USD, USD/JPY, iwm.
Tokko “base currency” dha (kan bitta),
Tokko “quote currency” dha (kan ittiin madaaltu).
Chart Types:
Line chart
Bar chart
Candlestick chart (kan baay’ee fayyadamu)

 Candlestick tokko yeroo tokko (minutes, hours, days) bakka bu’a:
“Open” → bakka bultii jalqabe
“Close” → bakka xumurame
“High” fi “Low” → bakka gatii ol-aanaa fi gadi-aanaa.

III. Barnoota Bu’uuraa (Technical vs Fundamental Analysis)

Akka gatiin jijjiiramu eeruu dursitee beekuu
Fakkenya charts irraa daldaluu
Technical Analysis:
→ Gatiin duraan ture irratti hundaa’ee gara fuulduraatti tilmaamu
Fakkeenya: Support, Resistance, Trendline, Moving Average.
Fundamental Analysis:
→ Odeeffannoo dinagdee (news) irratti hundaa’a.
Fakkeenya: Inflation, Interest Rate, GDP, News Events (NFP, CPI).

IV. Leverage, Margin fi Risk Management

Kaayyoo:
Balaa akkamitti to’achuu
Mindaa guddisuuf balaa xiqqeessuu
Leverage: daldaluu maallaqa olka’aa.
Margin: maallaqa ofii qabdu irraa qoodama.
Risk Management:
Trade tokko keessatti maallaqa keetii 2% ol hin dhabsiisin.
“Stop Loss” fi “Take Profit” fayyadami.

V. Tarsiimoo Daldalaa (Trading Strategies)

Kaayyoo:
Akka seera sirriitti daldaluu barachuu
Gara barataa irraa gara daldalaa beekamaa deemu
Fakkeenya:
Trend Following – yeroo gatiin olka’u waliin deemuu
Breakout Trading – yeroo gatiin daangaa cabse galuu
Scalping / Day Trading / Swing Trading – yeroo daldaluu adda adda

VI. Shaakala (Demo Account)

Kaayyoo:
Akka malee balaa malee shaakalu
Broker seeraa fi amanamaa filadhu (XM, IC Markets, Pepperstone, iwm)
Demo Account banu
Maallaqa sobaa (virtual money) ittiin daldali
Mindaa fi dhaba sirnaan barreessi.

  • VII. Gara Daldalaa Dhugaa (Live Account)

Kaayyoo:
Yeroo ati ofitti amantii argatte, maallaqa dhugaa itti fayyadami.
Broker seeraa fi hayyamamaa filadhu (ASIC, FCA, CySEC licensed).
Maallaqa xiqqaa irraa jalqabi (e.g., $10–$50).
Tartiibaan daldali, yeroo hunda plan qabaadhu.

VIII. Seera fi Of-eeggannoo

Forex irratti nama “100% win” jedhu hin amaniin.
“Account manager” jedhee si gaafatu hin amanin.
Brokerii biyya alaa filachuuf hayyama isaanii ilaali (license number).
Telegram/Instagram “forex signals” irratti of eeggadhu.

Forex Trading PDF barnoota ji'a tokko buufachuuf:

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *